☆☆

☆☆


Yakka Manoota Amantaa (Masjiidaa)fi Abbootii Amantaa Godina Arsii Lixaa Irratti raawwatame ilaalchisee Marii Majlisni Oromiyaa Koomishiinara Koomishiinara Poolisii Naannoo Oromiyaa Wajjiin Godhame
====================================

Hagayya 15/2012 Majlisni Oromiyaa garee Sheek Hajjii Ibraahimiin hogganamu kara Magaalaa Hasaasaa erguudhaan Du’a Sheek Umer Suleeymaniifii Maatii isaaniirratti raawwatameef Taaziyaa dhaquu isaani niyaadatama. Dhimma kana ilaalchisee FB Majliisa Oromiyaa irratti Ummata bal’aafi Qaama ilaallatu maraaf odeefannoo barbaachisu kennuun keenna ni yaadatama.
Majliisa oromiyaa irraa guyyaa gaafa [Hagayya 16/2012] Qaama Mootummaatiif Odeefannoo kennuudhaaf Biiroo Poolisii Naannoo Oromiyaa deemee jira. Pirezedaantii Majliisa Oromiyaa kan ta’an Sheek Hajjii ibraahim, Obboo Jibriil Usmaan [Barreessaa Boordii Majlisa Oromiyaa] fi Barsiisaa Badruu Muhaammad [Miseensa Boordii majlisa Oromiyaa] Koomishiinar Araarsaa Mardaasaafi Koomishiinar Musxafaa wajjiin walgayii gabaabaa taasisanii jiru. Walgayii kanarratti Pirezidaantiin Majliisa Oromiyaa Sheek Hajjii Ibraahim yakka Mana Amantaa (Masjiida) irrattiifi Abbooti Amantaa irratti xiyyeeffatee Waraana Mootummaatiin raawwatame haala armaan gadiitiin ibsanii jiru.

1 ffaa: Magaalaa Hasaasaa
Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isaa himanii jiruu,

2 ffaa: Magaalaa Kofalee
-Masjiida Kofalee
Waqtii Ummanni Magaalaa Kofalee Salaata Magribaa Masjiida Kofaleetti salaataa jirutti Waraanni Mootummaa dhukaasa Masjida irratti baneen Rasaasni Fooddaa Masjidaa cabsee seene haata’u malee Ummanni waqtii sanatti Sujuuda irra waan jiruuf Rasaasni [Xiyyitiin] nama salaaturratti balaa geessuu dhabuu isaa ibsanii jiru,

3 ffaa: Magaalaa Shaashamannee
-Masjiida Qamar
Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti dhukaaseen Ustaaza Ijoollee Gandaa Qur’aana Qaraasisaniifii Masjiida sanatti Ummata Salaachisan kanta’an Ustaz Kiyaar Taajuu Abdallaa miidhamani yeroo ammaa kana Hospitaala Nageelleetitti yalamaa jiran. Akkasuma Barataa isaani kanta’e Barataa Qur’aanaa Usmaan Haashim, umriin isaa Waggaa 18 kanta’e Rasaasaan dhayamee yeroo ammaa kana Hospitaala Malkaa Odaatti yaalamaa jiraachuu isaa ibsanii jiru.

4ffaa: Magaalaa Adaabbaa Masjiida Furunaa
Guyyaa 11/12/2012 yeroo Ummanni Salaata Ishaa’ii salaatee Masjiidaa bahaa jirutti Qaamni gurmaaye tokko Masjiida irratti Balaa geessuuf kara Masjiida kanaa dhufee Ummanni Muslimaa haala tasgabbii guddaa qabuun balaa guddaa silaa uumamuu danda’u kana hanbisuu danda’uu isaa ibsanii jiru,
Kanaafuu, yakki Waraana Mootummaatiifii Qaama birootiin Mana Amantaatiifii Abbootii Amantaa irratti raawwatameefii raawwatamuuf yaalame baayyee akka isaan yaaddesse ibsanii jiru.
Dhimmi kun Dhimma nu ilaallatuufii Dhimma kanaaf Hidhaafii Ajeecchaa Tokkollee hin sodaannu jedhanii ibsanii jiru. Kana waan ta’eef Qaamni biro kijiba hinjirre uumee Biyya tana diiguuf wayta carraaqu nuti miidhamnus obsaan dabarsaa jirra jedhanii dhaamsa isaanii miira guddaadhaan dabarsanii jiru.
Dhimma kanarratti bal’inaan mari’achuu akka barbaachisuufii kuni akka ta’uuf koomishinar Araarsaan waltajjii Marii Pirezidaantii Oromiyaa, Waajjira Nageenyaafii Bulchiinsa Oromiyaa fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa wajjiin Guyyaa Lama keessatti mijeessuu akka qaban yoo kun hin ta’in waan uumame kana Ummata Bal’aa kanaaf Ibsa barbaachisu akka kenninu nuuf beekaa jedhanii jiru.
Dhumarratti, Koomishiinar Araarsaan Dhimma kana eega dhagayan booda garee tokko akka garas ergan nuuf himani jiru. Marii nuti gaafanne ilaalchisee koomishiinar Araarsaan Pirezidaantii Oromiyaa wajjiin mari’atanii atattamaan akka deebiii nuuf kennan iibsanii jiru.

Report Page