*/

*/

Source
#INTARNEETAA Irraa Galii argachuu Barbaadduu? Maarree Seerota Asiin Gadii Beekuun Dirqama isinitti taha... Yeroo adda addaatti Hawaasa keenya biyya keessaa fi biyya alaa kanneen Baasii hin taaneef saaxilaman hedduu argina. Galii argadha jedhee baasii humnaa olii yeroo saamamu muldhata, Lotoriin naaf bahe jedhanii Mallaqa Kumoota hedduu yeroo saamaman baramaa dhufeera. Kanaafuu, Namootni keenya yeroo interneeta fayyadamnu keessattuu galii argachuuf yoo yaadnu seerota kanaa gadii beekuu qabna. Dabalataanis Biyya keessaa ykn biyya Alaatii karaa bilbilaatiinis saamichi gaggeeffamu baramaa waan dhufeef seerota walfakaataa kana beekuu qabdu.

#1ffaa) Interneetaan dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan, yoo hojii nuuf kennanii hojii nuti hojjanne sana irraa Komishiinii kutatanii gatii hojii nuti ittiin waliigallee hojjanne sanarraa hirdhifatan malee 'Mallaqa isiniif kafaluuf Mallaqa biraa Ergaa' hin jedhan. Hojii nu hojjachiisan irraa komishiinii(yeroo baay'ee dhibbeentaa 2 - 5(2%-5%) tahuu danda'a. Kanaan ala mallaqa biraa nun gaafatan. Jalqabarrattis nuwaliin hojjadhaa galii argadhaa jedhanii dursa akka mallaqa dhuunfaa keessanii baaftan kan isin gaafatu hin jiru.

kanaafuu, jalqabarratti dursee mallaqa kan isin gaafatu yoo jiraate, sobdootaafi hattoota fakkeessanii ummata saaman waan taheef, Tasuma marsaalee akkasiitiif kafaltii kamiinuu kiisii keessanii baaftanii akka hin raawwanne isin hubachiisuu fedha.

#2ffaa) - Lotoriin waan isiniif baheef mallaqa ykn kaardii hanganaa ergaa, achi booda mallaqni isiniif bahe isiniif erama, jechuudhaan #Ergaaleen karaa Bilbilaa, Email ummata keenyatti ergamanii ummatni keenya saamamaa jiru ijoo biraati. Gareen hojii kana hojjachuud qophaayee fi Tasuma lakkoofsa namaa filatanii itti bilbiluudhaan, Maqaa dureessota bebeekkamoo biyya keessaa/alaa waamuudhaan, Lotoriin Miliyoona hangaa waan isiniif bahe jechuudhaan bilbilaan ykn email dhaan namoota qunnamanii 'Dursa Mallaqa Kuma-20/30/50 kaardiidhaan ykn Baankiidhaan galchaa achi booda Lotoriin isiniif bahe isiniif ergama jechuudhaan ummata keenya magaalaa fi baadiyaa saamaa jiru.


Hanni kun wagoota 3n darban, Maqaa Alamuddiiniitiin, Hayilee Gabrasillaasee fikkf yeroo heddu Bilbilaan bilbilanii irra deddeebi'anii ummata keenya baadiyaarraa mallaqni heddu saamamaa jira. Kun Soba waan taheef, Ummatni keenya kana hubatee odeeffannoo sobaa akkasiirraa ofeeguu qaba.

Walumaagalatti, Namootni keenya hedduun Galii barbaadu. Namootni Galii barbaadan dhaabbilee Qabatamaa kanneen hojii hojjachiisanii Kafaltii namaaf kafalan dursanii sirritti adda-baafachuu feesisa. Yoo hin beekne ammoo Ogeessota tekinoolojii hubannoo qaban barbaadanii mirkaneeffachuu qabu. Garuu, wanti jala-sararamee beekkamuu qabu, Daabbileen Biyya-keessaaf-alaatis kanneen mallaqa/lotorii namaaf kafalan ofiin lafaa ka'anii osoo hin taane, hojii wayii nu hojjachiisanii ykn lotoriis yoo tahe wal-nu-dorgomsiisanii akka tahe hubachuu qabna. Dabalataanis, Dhaabbileen akkasii kunneen Ofii isaaniitii gatii hojii hojjanneef ykn waldorgommii hirmaanne sanaaf nuukafalu malee adeemsi nurraa kafaltii gaafataniin tasuma hin jiru.


Garuu, dhaabbilee online waliin hojjannu tokko tokkorraa wanti binnu jiraachuu danda'a sanas ammoo barbaachisuummaa isaa nu amansiisanii yoo dirqama tahe bitanna malee adeemsi lafumaa olka'anii qarshii kumootaan nugaafatan tasuma hin jiru. Kanaafuu, Kafaltii argachuuf osoo joorru baasii hin barbaachifneef akka hin saaxilamne, waan ofii hin qabnes liqeeffachuuf akka hin dirqamne isiniif dhaamuu barbaada. Yaada kana waliif qoodaa, Ummata keenya miidhamaa jiraan naaf gahaa

Odeeffannoo Tekinoolojii adda-addaa yeroo yerootti argachuuf : #telegram kiyya hordofaa


https://t.me/abdisa_bancha Ulfaadhaa

Abdisa Bancha Jara

Report Page