*/

*/

Source
3F Media
Afaan Guraagee Namoota Afaanichi dubbatu dhabaa dhufuun Rakkoo badiinsa Afaaniitiif saaxiluu mala jedhame Afaan saba Guraagee kun yeroo dhiyoo as kanneen Afaanicha dubbatan akka malee hirdhachuurraa kan ka'e Afaanichi dhiyootti baduu akka danda'u himameera.

Yuunivarsiitii Walqixxeetti, Diiniin Koollejjii Koompiitiingii fi Infoormaatiksii Barsiisaan Koraabzaa Shawaaraggaa gaaffiif deebii Raadiyoo Bisraat waliin godhanirratti akka himanitti, Afaanichi Dubbattoota Sabichaa Mil.3 hiiqan kan qabaachaa ture tahus yeroo ammaa Dhibbeentaa 25(25%)nkan hin caalle qofatu Afaanichatti dhimma bahaa jira jedhaniiru.


Dhibbeentaan kuniyyuu Afaanicha kanneen dubbachaa jiran Namoota Umriin oldeeman ykn gurguddatanitu baldhinaan fayyadamaa kan jiranii fi Dargaggootni ammoo Afaan Dhalootaa(Afaan Guraagee) caala Afaan Amaaraatti dhimma bahuun baldhinnaan mulchaa kan dhufe waan taheef Afaanichi dubbattoota dhabaa dhufuudhaaf sababa ijoodha jedhaniiru, barsiisichi.

Akka Furmaatatti Afaan kana badii irraa baraaruuf oolu, Yuunivarisiitii Walqixxeetti, Giddugala Afaanicha dhaabuu, Sirna Barnoota Afaanichaa qopheessuudhaan barnoota Afaan kanaan Yuunivarsitichi Sadarkaa Digrii jalqabaa fi 2ffaa(Masters) kennuuf haalduree xumuraa jiraachuutu himame.

Gabaasni kan Miidiyaa #3F ti, Odeessaalee adda addaatiif #telegram keenya hordofaa


https://t.me/FFF_Media

4 hours ago · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Report Page