*/

*/

Source
Abdisa Bancha Jara
#myhero - Biyya lafaa kanarratti waan rakkadhee beeka, Gadda heddutu na mudatee beeka. Abbaan koo du'ee argeera, Haadha koos ajjeefadhee gaddeera, firri dhihoo fi fagoof du'ee argeera.
#garuu jireenya koo keessatti waan akka #dua kee jireenya natti dukkaneesse/abdii nakutachiise, ofna jibbisiise takkaa hin argine, #kophaa cufadhee booyee, yoo sirba dhageeffadhu booyee, yoo hiriyaa kee argu booyee, #passport kee ilaalaa booyee, Suuraa kee ilaalaa booyee... Kunoo osoo naaf hin cabin,
du'a kee osoo hin amanin, #waggaa tokko gahe kunoo...

Dhugaadha, sumatu #goota irraanfatamuu miti bar, anaa yoo xiqqaate yeroo muraasaaf siwaliin nyaatee, gorsa obbolummaa sirra argatee, aabjuu kee muraasa afaan kee irraa dhagahe mitii #ilmaan Oromoo hunduu #gubachaa jiru, gubachaa jirra, gubachaa jiraanna fuulduras.


#Haceekoo ati bar #hayyuu dha, #goota, #beekaadha, Nuti #qaba qabeenya sammuu kee rabbi siif kenne sana irraa osoo hin qoodatin, jireenya gabaabduu boqonnaa malee saba keetiif hojjattee osoo hin boqatin beekkumsa kee irraa dhibbeentaa 10nillee osoo nuti sirra hin qoodatin nu dhiiftee deemte bar...

Hundaafuu, akka kee bakka kee Ummata keenyaaf gahuu dadhabus, #Garummaa, #jabina, #fakkeenyummaa, humna qabnuun saba tajaajiluu hamma humnakoo nan yaala.

Gubaan kee onnee dhalootaa keessa jiraata, Gubachaa jiraanna.

#hacee kanaa ol boqonnaan sin dhoowwu, #hafuurri kee nu waliin jiraata. Bakka jirtutti #Boqonnaa gaarii siif hawweera.

Obboleessa kee @abdisa.bancha

#hachaluhundessa #myhero #artist #assassinatedhero #oromia #ethiopia

3 hours ago · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Maal godhu hunduma keenyatu akkas ta'e...Hacaaluu du'ee wayya nu irra keessa du'e kana irra...ufff..

3 hours ago

Eee Wollaahi gubataa jiraanna! Garuu abdii hin kunnu

2 hours ago

Abdisa Bancha Jara dhugaa keeti

1 hour ago

Yomiyuu isaa iraanfatuu hin dandeenyuu hacee koo lencaa koo barbaraan seennaan sii yadata

1 hour ago

Dhugaa keeti Abdiisaa. "Gubanni garaa, fooni hin woddu."akkuma jedhame sanatti jirra. Inni garuu, yoomuu goota onneefi qalbiin Oromoo dandeettee gantuu miti.

16 minutes ago

Report Page