ⓎⓈⓂ

ⓎⓈⓂ


Dogoggora Kana Sirreeffadhu

•Amantiin islaamaa amantii addunyaaf aakiraati! Amantii bara hundaa,namaf hundaafi bakka hundaan wal madaaltuu dha! Waan ilmi namaa itti haajamu hundaaf qajeelfama kennitee jirti,gaafii hundaafii deebii qopheessitee jirti.

Akkaataa naamusa jireenyaa jala irraa qabdee waan hunda barsiiftee jirti.
San keessaa - RABBIIN isin haa kabajuu- naamusa mana fincaaniiti.

Yeroo mana fincaaniif qophaa'an irraa qabdee,hanga namni haajaa isaa geeffatee qulqullaa'ee achii bahu hundaafuu gorsaafi qajeelfama guddaa kennite!

San keessaa tokko; Zikrii ykn du'aa'ii yeroo mana fincaanii seenan jedhamuu dha.

Zikriin mana fincaaniif kaayamte:
اللهم إني أعوذ بك من الخبث والخبائث
{{ Allaahumma Innii A'uuzu Bika Minal Khubusi (khubsi) Wal Khabaa'isi }} jechuu dha!

Hiikkaan:- Yaa ALLAAH! Ani sheyxaana kormaafi sheyxaana dhaltuu irraahis sitti maganfadha " jechuu dha!

Sababni du'aa'iin kuni godhamuuf; Sheyxaanni amala isaatti naannoo balfaa fi mana fincaaniitti waan baay'tuufi.
Yoo du'aa'ii tana kan fayyadamnu tahe; sheyxaanni akka nu hin najasne (balfa fincaaniifi hagna nutti hin laaqneef) nu gargaara,akkasuma rakkoowwan biroos kan sheyxaana irraa nutti dhufu nurraa ni ittisa!

Bakka kanatti dogoggorri nama garii irraa mul'atu: du'aa'iin ykn Zikriin kuni eessatti akka jedhamu wallaaluu dha. Yeroo seenuuf deeman moo?! Erga seenanii booda jedhama ?! Kan jedhuu dha!

Ulamootni gaafii kanaaf deebii akkasitti laatan:
Zikriin mana fincaanii sunnaa dha,yeroon isiin jedhamtu yeroo mana fincaanii seenuuf deemnuu dha.
Ragaan isaa hadiisa Imaam Al Bukhaariin Al Adabul Mufrad keessatti galmeessan keessatti;" Ergamaan RABBII صلى الله عليه وسلم Yeroo mana fincaanii seenuu fedhan..." jechuun gabaase. Jechi :- Yeroo seenuu fedhan " jedhu osoo hin seenin dura jechuu dha! Mana fincaanitti zikrii RABBII dubbachuu qofa osoo hin tahin haasofni birootuu ni dhoorgama!

Kanaafuu yeroo seenuuf karaa buune jenna malee erga seenne hin jennu,akkasuma yeroo baanus zikrii " Ghufraanaka " jettu erga gadi baane jenna malee mana san keessatti hin tahu!

Yaadachiisa:
Yoo bakki haajaa itti baanu mana hin tahin,waan akka badhee/bakkee/dirree tahe; zikrii yeroo uffata baafannu jenna!
Akkasuma yeroo seennu yoo zikrii jechuu irraanfanne osoo hin dubbanne lubbuma keenya keessatti jenna !

Inshaa ALLAAH itti fufa!

Dubbii tana namni hin beekne heddutu jira,Ati yoo beektes Share godhi!

Report Page