ⓎⓈⓂ

ⓎⓈⓂ


GORSA JIREENYAA

•Qalbii filadhu malee:fuula qofa hin filatin

•Sobdee jaalala argachuu irra: dhugaa dubbattee addunyaa guutuu kasaaruu siif wayya!

•Nama bu'atti rarra'u hiriyyaa hin godhatin. Namni bu'aaf si jaalate gaafa sirraa dhabe sibiraa bu'a!

•Erga wanti inni jedheef siif hin galin;hiika mataa keetii itti hin kennin. Dubbii qalbii RABBIIN qofatu beeka!

•Akka hin kufne yoo feete; ilma namaatti hin erkatin! Erkoon jabduun ta RABBII qofa!

•Abdii kutattee qalbii hin cabin. Warri obsee eeggate hundaa RABBIIN mataa isaanii ol qabu malee hin dhiifne!

•Nama hunda wajjiin amala gaarii qabaadhu. Yeroon addunyaa gadi dhiifnu hin beekamu waan ta'eef!

•Nama jala waliin daakuun hin taane: gubbama qofaan waliin taphadhu!

•Gammachuu jechuun; rakkachuu dhabuu miti! Waan RABBIIN sirratti murteessw hundaa jaalachuu dha! RABBIIN jaalannaan hundui ni bareeda!

•Namni yeroo siif hin kennine; bakka siif hin qabu! Nama gatii siif hin kennineen jaatanaa'uu (busy) tahuu mitii; nama si jaalatuufuu yeroon si gahaa hin jiru !

•Waan akka si rakkisu hin feene; namaanis hin rakkisin! Nama hin tuffatin atuu nama waan taateef!

•Nama si arrabseef deebisaa kennuu irra: cal'isuu keetu guba! Waca sareetiin leenci hin rakkatu! Abbaan fedhe haa dutu,ati itti fufi!

Hubadhu; waan ani yaada/commentii kee hin agarre seetee hin callisin,yaada ati kennitu calliseetiin xiinxalaa jira!

Yaadni kee: faana sammuuti!

@SooraQalbii

Report Page