*/

*/

Source

NYAATA MADAALAMAA SOORACHUU ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➨ Nyaanni guyyuu soorannu akkaataa jireenya keenyaa irratti bakka olaanaa qaba. Gosti nyaataa kamtu qaama keenyaaf faayidaa olaanaa qaba? Keessumaa iyyuu namoonni furdina barbaadanii ol furdachuu fi furdina isaanii hir’isuu barbaadan ogeessi fayyaa nyaata akkamii akka sooratan isaan gorsa? Nyaata filannee sooranna moo akkuma argameen sooranna? Barruu gabaabduu kana dubbisuun qoqqoodamiinsa nyaataa fi faayidaalee isaan qaama keenyaaf kennan ni hubattu! Akkaataa Nyaata Fayyummaaf Itti Soorachuu Qabnu Tartiiba Karoora Soorataa: ➨ Nyaata gosa garaa garaa fayyadamuun nyaata madaalamaa nyaachuu. ➨ Nyaata mi’aaawaa, faatii fi ashaboo hammaan xiqqoo fudhachuu. ➨ Foon guyyaa dhaabbataan soorachuu.

➨ Kaarbohaaydreetii hanga walfakkaataa ta’e soorachuu

Faayidaalee Nyaata Madaalamaa Soorachuu ➛ Sammuun namaa dafee waan tokko akka hubatuu fi yaadatu gochuu ➛ Dukkana keessatti dandeettii waan tokko arguu. ➛ Rifeensa, qeensaa fi gogaa bareessuuf. ➛ Lafee jabeessuu fi hir’ina dhiigaa ittisuu, dhukkuba sukkaaraa ittisuu. ➛ Anniisaa fi humna namaaf kennuu. Albuudotaa fi Madda Nyaataa ➨ Kaalsiyeem (calcium): Aannan, baaduu, shalalaa,

⁃ Lafee jabeessuu, Dhiiga ittichuu, Seelii kottoonfachiisuu

➨ Kolini (choline) Aannan, tiruu, killee, ocholonii ⁃ Seelii hojjechuuf gargaara. ➨ Kiroomiyem (chromium) Birokoli, dinnicha, foon, qurxummii, nyaata dheedhii ⁃ Qabiyyee sukkaaraa dhiiga keessaa too’achuuf. ➨ Kopperi (copper) Nuugii, ija midhaanii, qamadii fi midhaan dheedhii ⁃ Ayiranii qaama keessatti hojjechiisuuf gargaara. ➨ Filooriyidii (fluoride) Bishaan of keessaa filoorayidi qabu, qurxummii galaanaa tokko tokko ⁃ Guddina lafee, jabina ilkaanii kenna. ➨ Ayiranii (iron) Baaqelaa, cooma, burtukaana Dhiiga diimaaf barbaachisa. ➨ Magniziyem (Magnesium) Kuduraalee magariisa, dinnicha, qamadii

⁃ Sochii onnee, kottoonfachuu maashaaleetiif, jabina lafeetiif gargaara.

➨ Potasiyem (potassium) Dinnicha, muuzii, baaduu, aannan, kuduraa fi fuduraalee ⁃ Dhiibbaa dhiigaa too’achuu, Cirracha kale akka hir’atu taasisa. ➨ Seleniyem (Selenium) Gogaa foonii, biqiloota tokko tokko biyyee seleniyem of keessaa qabu irratti biqilan, nuugii birazil ⁃ Seelii miidhama irraa hambisuuf gargaara. Hormoonii tayirooyidii jedhamu too’ata. ➨ Soodiyemi (sodium) Nyaata soogidda itti dabaluun hojjetame kan akka nyaata restoranti ⁃ Dhangala’aa madaaluuf. ➨ Zinki (zinc) Foon diimaa, midhaan dheedhii tokko tokko

⁃ Narvii, qaama ittisaa oomishuuf gargaara

Report Page