*/

*/

Source

Gaafa Waaqni guyyaa siif fidu, Koongoo uffachuun hafee qoonqoo namoota baay'ee sorta!

Nyakim Gatwech jedhamti. Maatii Sudaan Kibbaa sababa lolaaf gara biyya kanaatti godaanan irraa naannoo Gaambeellaatti dhalatte. Jireenyi ishee ijoollummaa gidiraan kan guute ture. Kaampii baqattootaa tokko irraa gara kaampii baqattootaa biraatti utuu darbituu gaafa waggaa 14 geessu maatii ishee waliin gara USA'tti balaliite.

Achitti sababa gurraachina gogaa isheef jecha sanyummaan arrabsamuun itti baay'annaan, jechoota sanaan mufattee abjuu model ta'uuf qabdu adda kutuuf fiixee irra erga geessee booda, jechichaan hamilee godhattee hojii moodeliingiitti galuuf murteessite.

Dorgommii moodeliingii garaagaraa irrattis dorgomuu jalqabde. Kan nama dhibu qalamni gogaa ishee duraan itti arrabsamaa turte, dorgomtoota ishee dursitee ija namaa akka seentuuf sababa ta'eef.

Moggaasa maqaa "Queen of the Dark" jedhamu ishee duuba baasaniifii, akkam maqaan kun hamilee keetti bu'aa gaafa jedhaniin, "Lakki, maqaa naaf laattan kana baay'ee jaalladheera. Gurraachinni miidhagina malee mallattoo milkii badaa ykn gaddaa miti. Gurraachina koon addunyatti kana ibsuufin uumame" jechuun deebisteef.

Nyakim waliin kaampaanota uffannaa fi mi'oota faashinii oomishan baay'eetu hojjechaa jira. Nyakim moodelii qofas miti, Koollejjii seentee Nursing'dhaan illee eebbefamteetti.
Qabeenyi ishee waliigalaa gara doolaara miiliyoona 4 olitti tilmaamama!

Seenaa Nyakim kana kan dubbistan, abdii hin kutiinaa. Dhiibbaan hagamii yoo jiraate illee abjuu keessan irratti hojjechuu hin dhiisinaa!

Report Page