*/

*/

From

Yeroo weerarri koronaavaayirasii yaaddoo addunyaa ta’e kana keessa Kooriyaan Kibbaa filannoo gaggeessuurraa duubatti hin deebi’u jechuun murannoo dimookiraasiif qabdu agarsiisaa jirti. Filannoo paarlaamaa Roobii dhufu gaggeeffamuuf jiru dursee filannoo jalqabaa guyyoota lamaaf taasifameen namoonni filannoof bahan hedduudha. Namoonni filannoof bahan hunduu ho’i qaama isaanii ni ilaalama, maaskiifi giloovii harka isaaniitti uffachuun isaaniis osoo gara filannootti seenuun sagalee hin kenniin dura murkanaa’a.

Kooriyaan Kibbaa Jimaata namoota haaraa koronaavaayirasiin irratti argame 27 adda baafatteetti.

Kun ammoo biyyattii keessatti lakkoofsa namoota dhibeen kun irratti argamee 10,450 akka qaqqabu taasiseera. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo afuriin dabalee walumaa galatti 208 qaqqabeera.

Haata’u malee, magaalaan Gaheeguu biyyattii keessatti kan giddu-gala weerara dhibee kanaa taate yeroo jalqabaatiif namni koronaavaayirasiin irratti argame hin galmaa’iin ooleera.

Odeeffannoo biroof kana ya cuqaastan 👉👉

3 hours ago · Public · in

Report Page