🇹 🇴 🇱 🇦

🇹 🇴 🇱 🇦


Kaayyoo koo:
ODUU GAARII-GOOD NEWS
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
➤ WAAQAYYO Na Abadachiisee Na Irraanfate Hin Jedhin!
➤ Guyya isaatt Si Yaadatee Akkuma Dubbate Sif Raawwata(uma. 21:1)
➤ DULLUMA Kee, haala Keessa Jirtu Hin Ilaalin! Waaqayyon Abdi Fi Amantiin Eeggadhu! Guyya Tokko Ilma Si Baachisaa(uma 21:2).

➤ EEYYE Waaqayyo Dulluma kee Keessatti Si Yaadatee Akka Abrahaam Fi Saara Ilma Sif Kenna.Atimmo Yeroos Ni Kolfita.syisihaag Jechuun In Kolf a Jechuudha(uma 21:3)

➤ HUB:akkuman kanan dura isinitti himee ture sagantaa addaa gaaffii deebisun badhaafamu guyya borii page kanarratti qophiin na eegaa!

➤ Macaafa Qulqulluu qo'achun wal barsiifna.kanaaf hiriyyoota keessanillee affeeraa! dhaloota sagalicha walbarsiisu waaqayyo nu haa taasisu! EEBBIFAMAA!!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🅢🅗 🅢🔺join🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
@Kaayyookoo
@Kaayyookoo
@Kaayyookoo

📚👉Bu’uuraalee Milkaa’innaa ( Elements of Success)
👉dheeratus obsaan dubbisaa!!!!!!

👉Namoonni damee hojii garagaraa irratti facaa’uun milkaa’inna adda addaa galmeessu. Milka’inni namoota hundaa waliqixaa miti. Milkaa’inna gurguddaa galmaan gahuuf ,bu’uura isaa sirritti lafa qabsisuun baay’ee barbaachisadha. Wantoonni milkaa’innaaf bu’uura ta’an keessaa kanneen armaan gadiiti.

1. Yaadu – bu’uurri wanta kamiyyuu hojjachuu yaadudha. Burqaan jiruu yaada. Jiruu fi jireenya koo keessa maaltu jiraa, maaltu dhabamee, maal itti dabaluun qabaa, maal irraa hir’isuu qabaa,dadhabinni koo maalii, jabeenyi koo maalii, akkamitti of jijjiruun qabaa fi gaafilen kanaa fi kana fakkaatan yaadun deebii kan argataniidha. Sammuun yoo ittiin hin yaadin akka sibilaa daandi’oofti. Bu’uurri jalqabaa jireenyaa yaadu fi xinxalluudha. Kaayyoo yeroo kaayyeefannu ol fageessine yaadu fi hawwuu qabna. Hanga fedhe ulfaataa nutti haa fakkaatu, ol fageessine yaadu, xinxalluun fi fedhii keenya ijjaarun, hojii baay’ee salphaa ta’eetti jijjira.

2.Kaayyoo beeku fi murteessu – wanta hojjatan san sirritti gadi xinxallanii yoo hin barinii fi daangaa hin murteessinif, kufaatif sababa guddaa ta’a. Fakkeenyaf, namni tokko doktora,enjinera, barreessaa, fi kkf ta’uuf yoo yaade murtessun dura humna, yeroo fi gatii kafaluu qabuu sirritti beeku qaba. Kaayyoo ofii murteessun jiruu waldhaaha fi dukkanaa’a gara salphaa fi ifatti jijjira. Namni kaayyoo ofii murteessu karaa kam hordofuu akka qabuu fi guyyaa guyyaan maal akka hojjachuu qabuu ni beeki. Jiruu fi jireenyi isaa tartiiba kan qabduu fi gammachuun tan guutamteedha. Ba’aan jireenyaa isatti hin ulfaatu. Abdii fi hawwiin gara funduraa tarkaanfata.

3. Fedhii– wanta tokko hojjachuuf erga yaadne booda miirri fedhii nu keessatti uumama. Fedhiin yoo hin jiraatin wanta yaadne san lafatti buusne hojjachuu hin dandeenyu. Wanta guddaa hojjachuuf yoo kaayyefanne fedhiin keenya baay’ee dadhabaa fi laafaa ta’uu danda’a. Fedhii laafaa kana karaa adda addaatin jabeessu fi hidda isaa sirritti gadii dhaabun barbaachisaadha. Fedhiin keenya akka dabaluuf wanta kaayyefanne san yeroo yeroon irra deebinee hojjachuu, firii isaa hubachuu, kaayyoo keenya ilaalchisee wantoota fedhii keenya kakaasan hojjachuu fi kkf itti fayyadamuun fedhii onnee keessatti jabeessudha. Fedhiin yoo jiraate gaarri buqa’uu danda’a. Kana jechuun koo fedhiin kee yoo garmalee guddaa fi gad fagaataa ta’ee, Rabbiin hojii baay’ee ulfaataa akka gaaraa ta’ee siif salphisa.

4. İjjannoo fi Niyyaa(intention)- erga kaayyoo keenya murteessineen booda ijjannoo fi niyyaa keenya jabbeessu fi lafa qabsiisudha. İjjannoon cimaan wanta qabanne kaane akka hin dhiisne fi hin daganne nu taasisa. Akkuma bubbeen muka hiddi isaa sirritti biyyee keessatti gadi fagaate salphatti kuffisuu hin dandeenye, namni ijjaanoon isaa sirritti jabaate fi lafa qabate salphatti kaayyoo ofii irraa hin deebi’u. Namoonni wanta fedhan haa jedhanii wanta isa dhiphisuu miti. Milkaa’inni namootaa ijjannoo fi niyyaa isaani irratti kan hundaa’edha. Namni ijjannoo fi niyyaan isaa laafaa ta’ee kaayyoo ka’eef osoo galmaan hin gahin irraa deebi’a. Gama biraatin niyyaan kaayyoo namaa keessatti iddoo cimaa qaba. Niyyaan gaafii ‘maaliif kana hojjachuu barbaade,maali

Report Page