🇹 🇴 🇱 🇦

🇹 🇴 🇱 🇦


Dhaddacha!

Manni murtichaa Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaan abbaa alangaa dhaddacha banaan akka dhagahamuuf murtoo laatame dhorkeera. Dhorkicha kan kaahe dhaddacha dhageetti oli iyyannoo mana murtii waliigalaa federaalaati.

Wiixata darbe Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti dhaddacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.

Haata’uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesse tureera.

(FBC)
@Gadaapost
@Gadaapost

Report Page