*/

*/

Source

Muslimoota Itiyoopiyaa fii siyaasaa filannoo
❇✴❄✴❄✴❄✴❄✴❄✳✴❄✴❄

Amalli warra siyaasaa yeroo filannoo filannoo duraa fii filannoo booda ni jijjirama. Sababaan sanii filannoon warra aangoorra jiruu aangoo isaanii tursiisuuf, warra mormitootaaf ammoo aangoo isaan hawwan argachuu fii fudhatama akka argatan waan isaan godhuufi. Saniif jecha warri siyaasaa filamuuf jecha jijjiraa amalaa fii haasawaa agarsiisan.

Filannoo dura hawaasni akka isaani filatuuf rakkoolee ummataa kaasuudhaan akka furmaata itti godhan beellama hedduu seenan. Abdii ummatatti horan. Warri siyaasaa yoo abdii hin kutanne hawaasa isaan deeggaruu fii ganda isaan hin deeggarres dhaquudhaan sagalee argachuuf hedduu kadhatan. Yoo hawaasni waan isaan hin jaalanne dalages ni obsan. Gocha hawaasa ni dallansiisa ja’amee yaadamu hunda hanga dandahametti itti yaaduun irraa fagaatan.

Hawaasa bal’aa dammaqinsa siyaasaa hin qabne jechoota babbareedaan, footoolee miidhagaadhaan, karoora dinqiisiisan hawwisiisanii of jala yaaasan. Garuu hawaasa keeysaa qaama qindoominaa fii dammaqiinsa siyaasaa gahaa hin qabne “gaafii teeysan filannoo booda deebifna” beellama jedhuun obsaan akka isaan eegu itti himanii gawwoomsan. Yoo hawaasa qindaawaa fii dammaqiinsa siyaasaa gahaa qabu tahe ammoo gaafii isaa tan filannoo booda harkaa fuudhuu dandahan gaafii murteeysaa hin tahin tokkoof lama deebisanii akka qabdiitti harka kaayanii of jala yaasan. Hoggaa filannoon dabre ammoo waan kennaniif sanis malaa fii shira adda addaatiin harkaa fuudhan.

Hawaasa dammaqiinsa siyaasaa irratti dabalataan miseensa hedduu if jalaa qabu, hawaasa qindoomina qabu kan yoo mormitootatti dabalame murtii filannoo jijjira ja’anii sodaatan yoo tahe dursanii humna isaa san tohachuuf yaalan. Humna isaa san tohachuuf mala hedduu fayyadaman. Yoo barbaachise hoggantoota hawaasa sanii fii jaarmayoota hawaasa sanii mala adda addaatiin of jala naquuf yaalan. Yoo hawaasa san haala hundaan of jala oofuu fii tohachuu dadhaban ammoo osuma jibban fedhii fii gaafii jaraa gurguddaa deebisanii deeggartoota isaanii godhuuf yaalu. Qaama akkasii kan obsaan, murannoon, qindoominaa, humnaan dadhaban yeroo mara kennanii irraa fudhachuun wajji deemuu yaalan.

Hawaasa eenyummaa hedduu qabu yoo tahe eenyummaa isaanii gaafiilee isaa keeysaa tan eenyummaa isaanii taate takka qofa deebisuun taana akka dhiisan goosisan. Fakkeenyaaf, eenyummaa amantii fii sabummaan wal qabatee hawaasa gaafii qabu Muslima ykn kiristaana gaafii isaa kan amantii deebisuu dhiisanii gaafii akka sabaatti inni qabu qofa deebisuun Oromummaa ykn Amaarummaa ykn saba biraaf gaafii takkitti deebisanii tan amantii dhiisuun akka takkitti argate qabatee isaan jala fiigu godhuuf mala hedduu fayyadamanii irratti dalagan.

Yeroo hedduu warri siyaasaa seeroota (policy), karooraa ummata dallansiisu yoo qabaatan filannoo boodaaf ol kaayatan. Hoggaa filannoon dabare akkuma isaaniif toleen seeraa fi karoora isaanii kan dura ture ykn haarawa baasanii hojiitti seenan. Akkasitti yeroo isaanii kan aangoo fixanii filannoon hoggaa deebi’ee dhufe siyaasaa isaanii kan yeroo filannoo fidanii ummatatti deebi’anii waan wal fakkaataa irratti dalaguun itti fufan.

Hawaasni hoggaa rakkoon itti baayyatte jala jalaa irraanfataa waan deemuuf haaluma wal fakkaatan yeroo filannnoo warra afaan tolfatee itti dhufuun gawwooomaa fii dhama’aa jiraata. Rakkoolee isarra gahuu yeroo duraa itti gaddus hawaasni hoggaa irra turte rakkoon wal fudhatee qaama godhataa deema. Mootummoonni ummata gaddisiisanii isaan komatuu yeroo filannoo eeganii ykn yeroo rakkoon itti jabaatte yeroof rakkoo san dabruuf hawaasa miidhamaa waan gammachiisu wantoota turuu hin dandeenye yeroof agarsiisanii dhukkuba isaanii yeroof dagachiisuun siyaasaa filannoo itti fufu.

Faallaa kanaatiin yoo hawaasni heddumina malee qindoominaa fii tokkummaa hin qabaanne keeysattuu yoo murtiin filannoo if dura beekkame yeroon filannoo hanga fedhe dhihaatus ummata akkasii gaafii isaa hin deebisan. Inumaa hoggantoota isaa keeysaa namoota sodaatan ajeesuu ykn ajjeesisuuf murteeysuullee dandahan. Hawaasni akkasii rakkoo argamteen gaddus waan qindoomina hin qabneef humna sodaatamuu miti. Gaddi isaatii fii dallansuun isaa ummata dhiibbaa guddaa uuma ja’amee sodaatamuu hin tahu.

Hoggaa takka takka ammoo ummata lakkoofsi isaa xiqqaa, dhiibbaan isaa darree, kan qindoomina hin qabne yoo tahe warri siyaasaa hawaasa qindoomina qabu of jala oofanii filannoo mohuuf, qaama qindaawe gammachiisuuf hawaasa lakkoofsaa fii hirmaannaa siyaasaatiin xiqqaa dhahuu fi miidhuu dandahan. Mootummaa tokko gaggeeysuu fii turuuf kaayyoon isaanii guddaan deeggartoota argachuun bakka qabatanirra turuudha. Aangoorra turuuf yoo barbaachise ummata hin qindoomin miidhuu baatanis addaan qooduudhaan humna isaan dhorguudhaan daran akka laaffatu godhan. Yoo addaan qoodan ammoo qaamni tokko isaan wajji dhaabbata qaamni tokko kophaa waan dhaabbatuuf ykn mormitoota wajjiin waan dhaabbatuuf gaafiileen isaanii osoo hin deebifne bilaashiin deeggartoota horatan jechuudha. Yoo fedhan ammas addatti dhunfaan malee wajjiin akka hin dhaabbanne godhuudhaan hawaasa qindoomina hin qabne osoo hanga fedhe hedduu tahes ummata dhiibbaa tokkollee uumuu hin dandeenye tahee akka itti fufu godhuuf irratti dalagan.


Warri siyaasaa yoo fedhe ammas gaafiilee takkallee hawaasa qindoomina hin qabneef osoo hin deebifne wantoota amma dura isaaniif godhan yoo jiraate sanuma isaan yaadachiisuudhaan carraan ummanni sun qabu isaan qofa filuu akka tahee fii morakkattoonni ykn warri gaafii biraa kaasuu akka faayidaa hin qabne gocha tokkotti isaanii himachuun if jala oofan. Nu malee carraan kee dukkana ja’anii kennaa isaan ummata qindoomina hin qabneef godhan takka himataa turan.

Yeroo filannoon dhihaatu gaafiilee deebisuu hin feene tan duraan beellama seenan akka lafatti gad hin buune shira adda addaa baasuun akka turan godhan. Hoggaa filannoon haalaan dhihaate ammoo ummata if jala oofuuf wantoota duraan beellama seenan akka hojitti hiikkamu godhuudhaan ummanni saniin gammadee akka isaan filatu godhan.

Siyaasaa yeroo filannoo Itiyoopiyaa keeysatti yoo laalle muslimoonni Itiyoopiyaa yeroo hedduu shira siyaasaa filannoo jalatti warra kufee argamurraahi. Osoo tokkorraa hin baratin baroota hedduuf shira yeroo filannoo keeysatti xaxamanii arra gahanii jiran. Yeroo filannoon dhihaatu IHAADIG ummanni filannoo majlisaa yeroo isaan gaafatu “Filannoon majlisaa filannoo mootummaa booodaan akka gaggeeyfamu. Hanga filannoo dabarruu nu eegaa” jechuun dabarsaati ture. Garuu masjidoonni magaaloota keeysa jiranitti kaartaa yoo gaafatan, dachiin itti dhiphattee bakka yoo gaafatan “Hatattamaan gaafii teessan deebisuuf hojjachaa jirra” jechuudhaan beellama seenuudhaan ajandaa ittiin muslimoota kakaasaa yeroo filannoo dabare beellama seenan diigaa ummatatti taphachaa turan. Haaluma saniin irra guddaan dhiibbaa fii balaan mootummaarraa muslimootarratti hojjatamaa turte filannoo booda turte.

Ummata muslimaa haala wal fakkaata san keeysatti yeroo hedduuf akka kufu taasisuu keeysatti, siyaasaa filannootiin sobamee akka gaafii isaa obsaa fii murannon galmaan hin geenye gara laafinaa fii faayyaaleeysummaan warri shoora taphatan hedduudha. San keeysaa ulamaa’oota, du’aata, maanguddoota muslimaa gara laaftootaa fii fayyaaleeysoota, kaadree fii hoggantoota siyaasaa eeggatummaa fii maxxantummaa jalaa hin bahin, hayyoota ummata muslimaatiif fala barbaachisu itti hin yaannee fii karaa lafa kaayuu hin dandeenye kan dhageeytii qaban hundi as keeysaa harka qaban.

Report Page