ⓐⓛⓐⓐⓜⓤⓓⓓⓘⓝ ⓓⓐⓖⓐⓐ

ⓐⓛⓐⓐⓜⓤⓓⓓⓘⓝ ⓓⓐⓖⓐⓐ


Siiraah(Seenaa) Nabi Muhammad ﷺ kutaa
13ffaa
(Warroottan Kutaa Dabran Hin Dubbisin Channel
keenya Join Gochuun Dubbisaa) jzk
*****************************
Warra hajji dhufe da’awaa dhageeffachuu
irraa dhoorguuf marii Qureeyshiin goote:
---------------------------------------------------
Wantoota argame hundarraa Qureeyshiin
suukannoftee, wanti argan isaan jibbisiisee odoo
jiruu yeroo gabaabaa keessatti beellamni hajji
dhufnaan waa’een warra hajji isaan yaachifnaan
isaanirraa namni muraasni Waliid binil mukhiiraa
biratti walitti qabaman. Inni nama umriin lafa
bule kan isaan keessatti kabaja qabu waan ta’eef
akkana isaaniin jedhe:”yaa gosa Qureeyshii
walga’iin hajji kun dhufeera, keessumoonni
Arabaas isa keessa isinitti dhufuuf teessi.
Dhugumatti waa’ee gurbaa keessanii kanaas
dhagayanii jiran waan ta’eef mala tokkorratti
dafaa walii gala, waliis hin dhabinaa, duubaas
garii keessantu gariii kijibsiisa” jennaan isaaniis
akkana jedhan:’Atummaan jedhi waan tokko lafa
nuuf kaa’i” jennaan lakkii isinummaan dubbadhaa
ani niin dhageeffadhaa; isaaniis raagduudha haa
jennuu yeroo jedhan lakkii raagduu miti,
dhugumatti raagduu garreerra, wanti isaa
gunguma sagalee raagduu fi yaadaloo/dadisa
isaaniitii miti jennaan maraata haa jennuu
jedhan. Inniis lakkii maraataa miti, maraatuu
waan ta’e arginee beeknaa, wanti isatti jiru waa
hudhaa maraatuu, adeemsa/ dhawaata maraatuu
fi waswaasa isaatii miti jennaan wallisaa dha haa
jennuu gaa jedhan. Inniis a’aa inni wallisaa miti,
wallee hundasaatuu ni beekna; mirriiysaa isaa,
dhiichisa, yadaloo isaa, kottoonfata isaa fi diriira
yaa’a sagalee isaa ni beekna,Wanti inni dhufeen
kun walaloo miti! Jennaan, falfalaadha haa
jennuu ree jedha, inniis akkana jedhe:inni kun
falfalaa miti; warra fala godhanii fi falasaaniitiis
dhugumaan gareerra, wanti inni dhufeen kun
tufinsa isaatiis miti, hidhaa falfalaatiis miti
jennaan, maal haa jennuree? Inniis akkana jedhe:
wallaahi! Jechi isaa mi’aa qaba, miidhaginaatu
isarraa mul’ata, bu’urri isaa akka gurruu biqilaatti
bareeda, dameen isaas irraa guurrachuuf tola.
Walumaa galatti, yoo isin sifaata amma
dubbattan kana jettan dhara tahuun isaa isin
jalaa mul’achuun hin oolu. Irra dhihoon jechaa
yoo jiraate inni falfalaadha, jechi isaatiis falfala;
gurbaa fi abbaa isaa adda baasa, namtichaa fi
obboleessaas, dhiirsaa fi niitii isaas akkasuma
namtichaa fi gosa isaas adda baasa waan ta’eef.
Achumaan waan dhagayan kanaan isa biraa
bittinaa’anii karaa namootaarra yeroo isaan
walga’ii hajjiitiif dhufan taa’uu eegalan. Nama
isaanitti dhufe soodaachisanii waa’ee isaa himuu
eegallaan namni oduma isa hin argin ykn hin
dhagayin isumaahuu baran. Yeroon hajji
dhufnaan Nabiyyichiis ﷺ gara walga’ii warra
hajjii, iddoo qubannaa isaanii fi battala isaanii
bahee islaamummatti isaan yaamuuf akkana
isaaniin jedhe: Yaa nama! Dhugaan gabbaramaan
Rabbi malee hin jiru jedhaa ni milkooftuu.Yeroo
kana hunda Abuu lahab isa jala deemee isa
kijibsiisee isaas arrabsa. Oduma akkanaan jiranuu
Arabootni waa’ee Ergamaa Rabbi ﷺ keessa
baranii walga’iirraa deebi’anii haasofni isaa
biyyoota Arabaa hunda keessa tamsa’e.
Da’awaa dura dhaabbachuuf karaalee adda
addaa:
Yeroo hajjiin xumuramee Qureeyshiin gara
manneen isaanii deebi’an akka waan rakkina
sababni Ergamaan ﷺ gara Rabbii tokkichaa
waamuudhaan argame wal’aananii ta’uudhaan
tasgabba’anii, xiinxalanii waliis mari’atanii karaa
adda addaa da’awaa tanaa fi murtii isitti kennuuf
karaa adda addaa filatan.
Karaaleen suniis akka armaan gadii kanatti
gabaabinaan dubbanna:
Qishnaa,tuffachuu fi ishee baay’isuu itti fufan:
wanti kun wanni hojjatameef Ergamaa Rabbii ﷺ
fi muslimtoota deeggarsa dhoorguu, jabeenya
isaanii keessaa laaffisuu dha. Kanarraa kan ka’e
Ergamaa Rabbii ﷺ inni gurbaa falfalli itti jiru,
wallisaa maraata, raagdu’uu sheeyxaanaatu itti
dhaqa, falfalticha kijibaa dha, of biraa
uummmataa dha. Waan hin jirre haasawaa dha
kkf. Kan akka isa bir’achuu arraboota adda
addaa fa’a. yeroo isaa dhufee deemu argan ija
dallansuu fi jibbannaatiin ilaalu. Akkuma
Rabbiinuu jedhe:
ﻭَﺇِﻥ ﻳَﻜَﺎﺩُ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﻛَﻔَﺮُﻭﺍ ﻟَﻴُﺰْﻟِﻘُﻮﻧَﻚَ ﺑِﺄَﺑْﺼَﺎﺭِﻫِﻢْ ﻟَﻤَّﺎ ﺳَﻤِ

Report Page