*/

*/

Source

Oromiyaayaatti qormaatich haala milkaa'aadhaan xumurame - Barattoota 14tu da'e ******** Gaazexaa Bariisaa

Hogganaan BBO Doktar Tolaa Bariisoo xumuramuu qormaata kutaa 12fa bara 2012 ilaalchisanii ibsa har'a kennaniin qormaatich kan yeroo kamuu caalaa haala milkaa'ina qabuun kennamee xumuramuu beeksisaniiru.

Qormaatichaaf barattoonni kuma 150fi 511 (kumni 87fi 374 dhiirota, jumni 63fi 137 dubartoota) galmaa'anii kumni 148fi 149 (kumni 85fi 541 dhiirota, kumni 62fi 608 dubartoota) qormaaticha buufataalee 376tti fudhachuu eeranii, kunis %98.4 ta'uu ibsaniiru.

Barattoonni Oromiyaatti qormaaticha fudhatan kan biyyaalessaa keessaa %36 ykn harka sadii keessaa tokko jechuun ibsaniiru

Barattoonni dubaraa 14 yeroo qormaatichaatti da'anii haalli mijaa'eefii qormaaticha fudhachuusaanii himanii, barattoota akka waliigalaatti galmaa'an keessaa kumni 2fi 362 sababoota adda addaatiin qormaaticha kan hinfudhanne ta'uu hoggantichi eeranuu carraansaanii egeree karaa ministeera barnootaa kan ilaalamu ta'a jedhan.

Qormaatichi hanqinoota xixiqqoo akka hir'achuu waraqaa qormaatichaatiin ala mudaa tokko malee haala milkaa'ina qabuun xumuramuu beeksisanii, qaamolee nageenyaa, hawaasa barnootaa, barattoota naamusa guutuun dhiyaataniifi maatiif galata dhiyeessaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin

Report Page