*/

*/

Source

Sochii dargaggoota Biyyoolessaa, National Youth Movement For Bilisummaa fi Dimokiraasiif (SDBBD) Freedom and Democracy (NYMFD)
_______________________________________________________ Waamicha Hiriira deeggarsa MCBO fi Mormii PP!
Oromiyaan teessuma lafaanis tahe baay'ina uummataan addunyaaf bakka tarsiimoftuu dha. Jaarraa hedduun duraa eegalee alagaan qe'ee nagaa kana nyaachuuf ilkaan qarachaa ture. Jaarraa tokkoo fi walakkaa as immoo hammaatee Oromoon qe'ee isaa irratti aadaan,afaan, safuun, amantiin,barteen isaa salphifame. Dhiitamee, ajjeefamee haamileen isaa akka cabus taasifame. Kun ilmaan isaa qaroo tahan wareegama lubbuu kumaatama kaffaalchiise akka itti wareeganii as geenyu nu taasise. Qabsoo hadhaa'aa dhaabotni, waldaaleen, Jaarmayaaleen Oromoo taasisaa turanii fi jiraniin sadarkaa akka lammiitti akka jiraatnu irra geenyee jirra. Haa tahu malee, jijjiiramni lafee fi dhiiga Qeerroo Bilisummaa Oromoo kumaatamaan dhufe harkuma dhiiga Qeerroo dhangalaasaa ture, PPdhaan butamee yeroo ammaa kana Oromoon sadarkaa salphinaa irra jira. Gochi ijaa fi gurra namaaf hin tolle mootummoota darbanii ol hamaatu gaggeeffamaa jira. Mirga lammiilee Oromiyaaf kanneen qabsaa'an Jumlaan mana hidhaatti ukkaamfaman, hedduun mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman, gariin manni murtii bilisa erga jedhee mana hiraarsaa keessatti argamu,waajjiraaleen ABO fi KFO hunduu cufaa dha, Ilmaan Oromoo qaaliin kanneen akka Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun haqa dhaban,doorsisni, basaasummaan lammiilee biyya alaan deeggarame hooggantoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kana kan hifatan hidhamtootni siyaasaa bakkeewwan hedduutti nyaata lagannaa irratti argamu. Oromoonis oromummaan isaa itti dhagahamus karaa danda'uun mirga hidhamtootaa fi lammiilee Oromiyaaf qabsootti jira. Sochiin uffata booraa(yellow movement) qaama kanaati.

Qeerroon bilisummaa Oromoo jijjiirama siyaasaa, dammaqinsa uummatni keenya keessa jiru kana fide ABOdhaan ijaaramee gaanfa Afrikaa kana keessatti qabatamaan cehumsa siyaasaa fi hawaasummaa akkasumas kan dinagdee fidee jira. Jijjiiramni dhufee ture butame kun sirnaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa akka irraa fayyadamanitti Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha ABO kan tahe ijaarsa Mootummaa cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ofitti fudhachuun wareegama barbaachisu kaffalee hojiitti ni hiika. Kanaafis Oromiyaa mara keessatti hiriirri nagaan deeggarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii bulchinsa PP Guraandhala 2021 irraa eegalee ni gaggeeffama.
Kanaaf, ilmaan Oromoo hiriira deeggarsaa seenaa qabeessa kan hidhamtootni siyaasaa hiikaman, nagaan waaraa lammiilee Oromiyaaf argamu, Oromoon biyya isaa irratti aangomfamu keessatti akka hirmaattan waamicha oromummaa kan isiniif taasisnu yoo tahu, dhaadannoon keenyas kan armaan gadiiti.

1. Mootummaan Cehumsaa hatattamaan haa ijaaramu

2. Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman

3. Ajjeechaa, dhiittaan mirga namummaa haa dhaabbatu

4. Duullii fi ololli maqaa Shaneen Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamu haa dhaabbatu

5. Justice for Hachalu Hundesa

6. Nuti Qeerroo dha

7. Nagaa waaraa lammiilee
Oromiyaaf

Kanneen jedhan dhageessisuun imaanaa gootota Oromoo bilisummaa lammiilee Oromiyaaf nu biraa wareegaman akka baanu waamicha dhiyeessina.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 2021

Report Page