*/

*/

Source
3F Media
Hooggantantuun boordii Filannoo biyyoolessaa Itoophiyaa Walgahii adda kuttee baate jedhame - Gabaasni qindaaye kan #3FMedia ti

Walgahii dhaabbatni Ergama-Addaa Idil-Addunyaa kan ChatHam House jedhamu Magaalaa London irraa dheengadda dhimma Filannoo biyyoolessaa 6ffaa biiyi Itoophiyaa gaggeessuuf jettu ilaalchisee walgahii karaa marsaa interneetaatiin qopheesse irratti kan hirmaatan Hooggantuu Boordii Filannoo biyyoolessaa aadda Birtukan Midegsa, Obbo Gedion Daarektara Mana Murtii Waliigalaa Obbo Gediyoon Dematiyoos dabalatee qaamoleen heddu kan hirmaatan tahuun beekameera.

Waltajjii kanarratti, hooggantuun boordii filannoo ibsan kennaniin Filannoo kana taajjabuudhaaf miseensotni dhaabbilee hawaasummaa 170 ol irraa iyyachuu ibsiteerti, kana malees Osoo koronaan hin dhufin Mootummaan Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaa affeeruus yaadachiifteerti, aadde Burtikan.

Haatahuu malee, Gaaffii hirmaattota irraa ka'e kan "Osoo hooggantootni paartilee siyaasaa hidhamaa jiran, osoo gaazexeessitootnii fi kanneen biroo ajaja mana murtiitiin osoo qabamanii hidhamutti jiran, Boordiin Filannoo Biyyattii maal hojjachaa akka ture yeroo gaafatan, Hooggantuun boordichaa Aadde burtikaan ammoo Network na rakkisaa jira jechuudhaan walgahii addaan kuttee bahuun mirkanaayee jira.

#3FMedia >> 3F Media

Join our telegram

https://t.me/fff_media

9 hours ago · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Report Page