*/

*/

Source
BBC News Afaan Oromoo
Magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti MM Abiy Ahmad deeggaruun namoonni hiriira bahan ====== Magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti har’a jiraattonni deeggarsa bulchiinsa MM Abiy Ahmadiif qaban agarsiisuuf hiriira ba’uusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

Deeggarsaa injifannoowwan mootummaa jijjiiramaatiin galmaa’an tumsuu, akkasumas kabajaafi deeggarsa Muummee Ministeeraa Doktar Abiy Ahimadiif qaban agarsiisuuf hiriira gaggeeffamaa jiru ta’uun ibsameera.

Gabaasaaleen miidiyaa biyya keessaa akka mul’isanitti,i, jiraattonni magaalaalee Oromiyaa gara garaa keessatti hiriira bahan kunneen injifannoo Raayyaan Ittisa Biyyaa ‘ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf’ jecha [garee TPLF] irratti gonfate jedhanis gammachuu itti dhaga'ame ibsachaa jiru.

Akka Biiroon Komunikeeshinii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fuula Feesbuukii isaarratti barreessetti ammoo hiriirri ummataa kun borullee itti fufee gaggeeffama.

Warri hiriira kanneen irratti hirmaattan hiriirichi akkam ture? Miirri hirmaattotaa maal fakkaata? Warri hiriira kan fageenyaan hordoftan hoo? Nuuf qoodaa

Odeeffannoo biroof 👉👉 https://bbc.in/2MHaUga


Suurri FBC irraati

6 hours ago · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Report Page