*/

*/

Source
Deeggartootni Bilxiginnaa/MM.Abiy Ahmed Gosa 6 akka tahanii fi sababoota isa deeggaraniif Obbo Lidatuu Ayyaalow tarreessanii jiru - kan hiike 3F Media - #share godhaa Yeroo Adda Addaatti, Mormaa Cimaa fi Yaadota Walfalmisiisoo uumuun kan beekkaman Obbo Lidatuu Ayyaalew dhiyoo hidhaa bahuun ni yaadatama, Akkasumas Paartiin inni hoogganu Filannoorraa haqamee kan ture amma kitaaba haaraa 27 ida'uu 2 jedhu gadi lakkiseera.

Ajjeechaa Artist.Hacaaluu booda hidhaa hayyoota Oromoo dabalatee Qeerroo Magaala Bishooftuu gurmeesse jechuudhaan ji'oota darban hidhaarra kan ture yeroo ammaa bilisaan manni Murtii Godian Shawaa Bahaa torbaan darbe erga gadi lakkise booda, Kitaaba isaa gabaaf kan baase Obbo Lidatuun, Sababni ji'oota darban hidhameefis kitaabicha tahuu himeera.

Dabalataan Deeggartootni Bilxiginnaa/MM.Abiy Ahmed eenyu akka tahanii fi sababoota isa deeggaraniif Obbo Lidatuu Ayyaalow tarreessanii jiru, Sababootni kunneenis:

Deeggartootni Bilxiginnaa/MM.Abiy Ahmed irra-caalaan Lammiilee Biyya keenya haalaan jaalatan garuu hordoffii haala siyaasaa irratti hubannoo kanneen hin qabneedha.

Gareen kun garee fayyaalessa, Jijjiiramni dhufe jedhanii isaan amanan qabatama lafarraa osoo hin taane haasaa MM.Abiy waltajjii irratti godhu, hirmaannaa dubartootaafi k.k.f fageenyatti ilaalee warra halkan guutuu hirriba irra buluudha jechuun ibsa, Obbo Lidatuun. Akka Ibsa Obbo Lidatuutti, Deeggartootni Dr.Abiy kan biroo ammoo, Namoota ABUT jibbaniidha. Gareen kun namoota 'rakkoo biyyi tun keessa turteefi jirtu' ABUT irraa madde jedhanii kanneen amananiidha. Kanaaf, Dr.Abiy ABUT irratti tarkaanfii fudhachuun sirriidha jedhanii warra amananii fi ABUT gara Aangootti deebi'ee rakkoo nutti deebisa jedhanii kanneen ija-cufatanii Muummicha Deeggaraniidha jedha obbo Lidatuun. Walumatti, Deeggartootni MM.Abiy namoota ija cufatanii ABUT mormaa turaniidha jechuun ni danda'a jedhu obbo Lidatuun. Akka Ibsa Obbo Lidatuutti, Deeggartootni Dr.Abiy gareen 3ffaan ammoo garee Siyaasa hubannoo qaban ta'us gareen kun Muummicha kan deeggaran Siyaasarrattii osoo hin taane Dhiphummaa Naannummaa fi Amantii irraayi jedhu obbo Lidatuun. Gareen kun yaada dhiphummaa kan 'Dr.Abiy Nama keenya ykn Amantii keenya hordofa' waan taheef nama biroo irra isuma nuuf wayya warra jedhuudha jedhan Obbo lidatuun.

Gareen 4ffaa ammoo Deeggartoota Adeemsa siyaasaa haalaan hordofaniidha. Akka gareen kun Amanutti jedhu Obbo Lidatuun, 'Dr.Abiy nama yaadaan bilchaataa fi cimaadha, garuu yeroo ce'umsaa keessa jirru kanatti haalotni rakkisoo ta'an itti-hedduumateeti malee' jedhanii warra of-amansiisaniidha.

Gareen kun, Dr.Abiy rakkoowwan turan hiikuuf jijjiiramoota muraasa yeroo jalqabaa fudhate san akka furmaata dhumaa godhanii akka madaalatti kanneen lakkaawaniidha jechuun ibsu obbo Lidatuun. Gareen 5ffaa ammoo Deeggartoota Siyaasaa hubannoo qabanii fi duuka bu'aniidha. Gareen kun 'Yeroo kanatti Bilxiginnaa caala paartiin ijaaramee caasaa qabu waan hin jirreef, Dr.Abiy wayya, rakkoo biyyi keessa jirtu kanas dhawaataan furuu danda'u' jedhanii dadhabina jiru osoo beekanuu kanneen deeggaraniidha jedhu Obbo Lidatuun

Gareen 6ffaa fi innidhumaa, Warroota Sirna Dhufe waliin amala ofjijjiiruutiin beekkamaniidha. Ilaalchi garee kanaa ' Kan haadha koo fuudhe hunduu naaf Abbaadha' jedhanii warra amananiidha. Garee kana keessatti Namoota namota garagaraa kanneen guutumatti mana barumsaa deemee barnoota ijaan hin argin irraa kaasee hanga Professaroota Yuunivarsiitiilee adda addaa keessa jiranii keessatti argina.

Walumaagalatti Namootni, Mootummaa Dr.Abiy gartokkeen ykn Guutumatti deeggaran kanneen ilaalcha adda addaa qabatanii gareewwan 6 kana keessatti ramadamaniidha. Hundaa ol ammoo adeemsa Namoota baay'ee dogoggorsiisu nama Ofittee(Populist) amala of-fakkeessuu qaba waan taheef, Namoota heddu biratti namoota biroorra #NamaWayyaa ykn caalatti filatamaa akka tahetti akka ilaalan kan godhe sababa ijoodha jechuun ibsu Obbo Lidatuun.

#Share godhuun waliif dabarsaa

#3FMedia


Odeeffannoo waktaawaaf #Telegram keenyatti dabalamaa
https://t.me/FFF_Media

Report Page