*/

*/

From
Dr.Yona.
DHIBEE AMEEBAA/ AMEBIASIS ============== Dhibeen Ameebaa kan namatti dhufu infeekshinii pirotozuwwaa mar'umaan midhuu 'Entamoeba histolytica' jedhamuuni. Akaakuun 'Entamoeba' kan ta'an 'dispar' fi 'moshkovskii' jedhamanis darbee darbe dhibee ameebaa fiduu danda'u.

Dhibeen Ameebaa maxxantuuwwan/parasite/ lubbuu namaa dabarsan keessaa sadarkaa 3 ffaa irratti argama.

Dhibeen kun kan namatti dhufu:

=>Nyaataa fi dhugaati marsaa guddina pirotozuwwaa kanaa kan ta'ee 'cyst' dhaan fallame soorachuuni. 'Cyst' ega mar'umaan seenee gara sadarkaa 'trophozoite' jedhamutti guddachuun baqqaana mar'umaani weerarun madeessuun kulkula(amebic colitis) ykn dhiita'aa mar'umaan keessaa(ameboma) uuma. Kanarra darbuunis hiddaa dhiigaa seenuun tiruu, sammuu fi sombati rabsamuus danda'a.Dhibeen kun baay'inaan biyyoota guddachaa jiran keessatti baay'ata sababni isaas: hir'ina rabsa bishaan qulqulluu ,hir'ina qulqullina dhunfaa fi naannoo fi hanqina soorataatiin kan ka'e

MALLATTOO DHIBEEN AMEEBAA AGARSIISUU DANDA'U:

*Namootni infeekshinii pirotozuwwaa Kanaan qabaman keessaa 90% mallattoo homaatu hin agarsiisan.Boolii nama kaanaa keessatti garuu pirotozuwwaan waan jiraachuu danda'uuf nama biraa faaluu danda'a.

*Namootni Hafan(10%) infeekshinii kanaan erga qabamanii torbee 2-6 keessatti maallatoolee armaan gadii agarsiisuu danda'u: √ dhukkubii garaa suuta suutaan nama eegalu,dugdas nama dhukkubuu mala.

√ boolii sarduu/teessisuu(diarrhea). Dhiiga makachuu fi Waan akka hancufaa/furrii ( mucus) qabaachuu danda'a.


√ ulfaatinni qaama hir'achuu/qaamaan huqqachuu
√ huunneessaa/gubaa qaama
* Tiruu yoo miidhamte dhukkubiin garaa karaa harka mirgaa gara ol aanuu nu dhukkubu danda'a. Dhukkubiin gara gateettii keenyaatti tamsa'us jiraachuu mala. Tiruun garmalee yoo midhamte jijjiramni haalluu keelloo(jaundice) ija keenya irratti mulla'achuus danda'a.
* Darbee darbee saammuu fi somba waan hubuuf mallattoo tokko tokko kaneen sirna qaamaa kanaan walqabatan agarsiisuu danda'a. Dubartoota irratti infeekshinii qaama saalaa/vulvovignits/ madaa fi dhanagala'oo qaama saalaan bahu fiduu danda'a. Goga namaas darbee darbee in midha. YAALA DHIBEE AMEEBAA => Qorannoo barbaachisu m/yaalatti erga isiniif godhamee ;dhibee ameebaa ta'uun yoo barame qorichi pirotozuwwaa kana dhabamsiisu isniif kennama. Qorichaa haala ajaja ogeessaan xumuruun fayyuun in danda'ama. Darbee darbee haalli itti namati deebi'u garuu jira =>Tarii rakkoo walxaxaa yoo fide yaaliin baqaqsanii hodhuu haallii itti kennamus jira. DHIBEE AMEEBAA OF IRRAA ITTISUUF * qulqullina dhunfaa fi naannoo eeguu.

* Dhiyeessa bishaan qulqulluu mirkaneessuu(kun biroo bishaanii ilaallata) .Bishaan dhugaatii fi nyaata qopheessuuf oolu boolii namatiin kan wal hin argine ta'uu qaba.

* Naannoo dhibeen kun itti baay'atutti kuduraalee fi muduraalee osoo haalaan hin dhiqin,hin quncisini ykn hin bilcheessin nyaachuu irraa of qusachuu. * Namootni dhibee kanaan qabaman akka walla'ansa argatan gochuu. * Warri baadiyaa jiraatan naannoo lagaati boola'uurraa fagachuu. Mana fincaanii qotanii fayyadamuu.

* Mana fincaanii booda harka saamunaadhaa qulqulleeffachuu.

* Nyaata qulqullinaan qabuu, nyaata qopha'e osoo hin tursiisne soorachuu

Source:Harrison's Principles of Internal Medicine, 19th Edition Textbook

GALATOOMAA!! NAGAA FI FAYYAA ARGADHAA!!

~~~Dr.YONA.~~~

Sep 6, 2016 · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Report Page