*/

*/

From
BBC News Afaan Oromoo
Meeshaan kontorobaandii daa’ima fakkeessuun dugdatti baatamee darbaa ture to’atame
======================================================== Poolisoonni Yugaandaa meessaa miidhaginaaf dibatamu akka biyyattii hin galle dorkame karaa seeraan alaa darbuuf yeroo yaaliin taasifamaa jiru bira ga’uun to’annaa jala oolcheera. Meeshaan gogaan akka miidhagu taasisuuf dibatamu kun uffata daa’imaatti guutuun akka mucaatti dugdatti baattee dubartii dabarsuuf yaalaa jirtu tokko harkatti qabame.

Meeshaan kontorobaandii bifa ‘daa’imaa’ kun daangaa DR Koongoo irraan gala akka ture dubbata komishinarri gumuruukaa Yugaandaa fuula Tiwiitaraasaarratti.

“Nmaoonni dabarsa seeraan alaa hojjattan muraasni hamma kana nu koflachiisuuf hin dhufan!” jedhe Diiksan Kateeshumbaawa maxxansa isaa irratti. Kosmootiksiin baay’inaan dhorkaman kana namoonni daddabasrsan kunneen imala tokkoon birrii 30 argachuun daangaarratti saanduqaan yookiin jooniyyaadhaan akka daddabarsan taasifamu jetti rippoortarrii BBC Yugaandaatti argamtu. Yeroo baay’ees baala warqeedhaan maramanii daddabarfamu.

Kosmootiksiin kunneenis meerkuriifi haayidirookuniin waan qabaniif gogaarratti dhiibbaa qabu jedhamuudhaan kan dhorkaman.

Fula BBC Afaan Oromoo kana banachuun oduu akka fedha keessaniin filadhaa:

👉👉https://bbc.in/2FAoivD

4 hours ago · Public · in Timeline PhotosView Full Size

Report Page