Qolaxii

Qolaxii

Olaanaa

Har'a manaa ba'eera. Magaalaan keessa turu ona ta'eera. Iddoon dur, akka gabaa kamisaa Balee, namoonni itti wal caccabsan oolmaan dargaggootaa har'a calleensaan guutameera. Jaarsi gurraachi tokko teessoo dalgee tokkorra taa'ee gugee (makoodii) firfaarii osoo nyaachisuun arge. Simbirroonni akka ijoollee maatii hin qabnee tibbana waan isaan qallabu waan dhabaniif, firfaarichi harka namichaarra hamma bu'uufitti eeguu dadhabanii gara harka namichaatti ol u'utaalu. Jaarsichi akkuma na argeen fuulli isaa gammachuun guuttamee, olka'eet deebi'ee taa'e. Ijji isaa garmalee nama dheebotteerti. Wanti abaaramaan sun akka waan sesseeqqiin in darba naan jedhanii, seeqa jaarsichaaf osoon deebii hin kenninin 'kostor' jedhee imalakoo itti fufe.

Xiqqoo deemee 'zeebraa' qe'eekoo biraa qaxxaamuruuf yoon jedhun sagalee wayii dhaga'e. Faranjii takkatu fuuldura kootiin fiigaa natti dhufte. Fuulli ishee dafqaan dhiqameera. Akka muuxannoo fiiguu hin qabne irraa beeksisa. Silaa fiigichi dandeettii dhukkuba ittisuu ni dabala yoo jedhan dhageecheeti kan fiigaa jirtu. Tasa osoo na ilaaltuu karaarraa gortee ambulaansiin garmalee saffisaan karaarra deemu tokko xiqqumaaf ishee qole. Mana galtee rifaatuun waan duutu natti fakkaata. Lubbuu ishee haa maaru!

Uummanni akkuma qocaa dhagaatti galeera. Mana taa'ee waan duraan kuufate soorachaa oola. Isa fixee ennaa gad ba'u immoo koolestirooliin hidda dhiigaasaa duucheet du'a. Rakkoon koronaa miti. Rakkoon nama ta'anii uumamuu ta'uu hin oolu. Namni bara jireenya isaatti wanti inni itti dhiphatee hin beekne maaltu jira? Akkuma mootiin Oodipas jedhe gonkumaa dhalachuu dhiisuu wayyamoo laata?

Gara biyyaatti gadi bilbileen waan namatti tolu tokko dhaga'e. Duulli of eeggachuu baay'ee babal'achaa jira. Hanga ammaa dhukkuba abaarramaa kanaan namni du'e hin jiru. Mucaa firaa tokkotti bilbillaan, gurbaan, dhidhiqatee faranjii reebuuf ba'aa akka jiru natti himnaanan aaree "Jabummaa kee kana rakkoo gaafa biyyaaf tursiifadhu. [Faranjii] gaarummaa ishee irraa qooddattee jiraatte waan ta'eef rakkoo ishees irraa qooddattee wajjiin jiraachuu qabda. Kanumaayyuu osoo qorichi faranjii Faarmaasii keessaa badee damaakasee fi qoricha budaa maraa sadi qofatu harkakee irratti hafa" jedheenin loleen.

Yerookoo kanan dabarsu odeeffannoo talaallii dhaggeeffachuu fi fiilmii ilaaluudhaanani. Yeroo na mukeessu ka'een deddeema yookiin nan gunguma (sirba). Keenyaa kutaa ciisicha kiyyaa irra footoon suufii uffadhee ka'e ajaa'ibsiifannaa fi gaddisiifannaan laalaan

"Si nyaatti amma 

si'is si nyaatti,

Bareedaa koo sis 

biyyeen si nyaattii?" jedha.

Achumaanan bilbila kootitti deebi'a: telegiraamii, miiseenjarii fi vaayrasii jechuunkoo vaaybarii nan bana. Gaaffii, gorsii fi jajjabeessiin hiriyyoota kootii natti dhangala'a.

"Olii, mallattoolee keessa dugda hooksisuu wanti jedhamu jiraa?" naan jedhe tokko bilbilee.

"Hin jiru!"

"Galata waaqaa, cal jedhee yaaddoo malee yaa hooqukaa?"

"Eeyyee, akka garaa keetiitti hooqi, cittoo wayii!"

Takkammoo "Waan hoo'aa irra deddeebi'ii dhugi" jettee gorsa naa ergite.

"Wanti hoo'aan vaayrasicha ni ajjeesaa?"

"Ajjeesuu baatus ni madeessa. Cal jedhii dhugi"

Reefummoo hiriyyaa koo tokkooyin bilbilee 

"Guyyaan akkamitti sii darba? Maal hojjechaa oolta?" jedheen

"Harka koo tokkoon 'riimoot koontiroolii' harka tokkoon immoo qolaxii qabadheen soofaa irra oolee bula. Fuula keessan hin tuqinaa jechuutu na fayyade malee, fiitawraarii keessan hin tuqinaa osoo jedhamee naa dhumeet oole. Yeroo hundaa yeroon hirribaa ka'u harkikoo miilakoo bitaa fi mirgaa jidduutti akka waan daangaa daangessuu tafakoo jidduutti argama" naan jedhe.

Report Page